Holy Silassie Orthodox Tewahedo Church of Portland (Mana Kiristaanaa Ortodoksii Tawaahidoo Q/Sillaasee Portland)
Manni Amantaa keenya Bara 2022 Kan hundoofte yoo tahu. Bu’uureffamuu ishee dura namoonni muraasni bifa Xoofoo Sillaaseetiin bara 2019 irraa eegalee gurmaa'un yeroo dheeraaf kara toora “zoom” afaan dhalootaa isaaniitiin[Afaan Oromoo] waliin kadhachaa, barumsa wangeelaa wal barsiisaa turan. Haaluma kanaan baay’inni miseensotaa dabalaa deemuun torbanitti altokko dilbata ganama qaamaan akka wal arganii sirna kadhannaa geggeessanii fi barumsa wangeelaa geggeessaniif walii galame.
Haaluma kanaan Mana Hawaasa Oromoo Portland kan tahe “garage” yookiin bakka konkolaataa keessa dhaaban gara bakka kadhannaatti jijjiiruudhaan waggaa tokkoo oliif sirna kadhannaa geggeeffachaa, dubbii sagalee waaqayyoos wal barsiisuun cimee itti fufe. Kanaan dura afaan oromootiin manni amantaa Orthodoksii tajaajila afuurawwaa laattu kutaa bulchiinsa Oregon fi naannoo ishee keessa waan hin jirreef namoonni rakkoo kanaaf mana amantaa irraa fagaatanii turanis walitti qabama kanaatti daddabalamuun baay’inni miseensotaa daran dabalaa dhufe.
Dheebuu Tajaajila afaan ofiin argachuuf qabu irraan kan kahe, miseensoonni keenyas Taabotni qulqulluu Sillaasee galee Sirni Galatoo/Qiddaasee akka eegaluuf sosochiin eegale. Sana Booda, bakka xiqqoo Keessatti kadhannuu irraa gara mana amantaa kireeffatamee akka ba'amuuf walii galame.
Kaka’umsa luba keenya jalqabaa kan tahan Ergamaa Nagaa Luba Yehualashet Bashaatiin Taabonni Qulqulluu Sillaasee Eebbifamoo Abbaa Ewusxaatiwoos [Hangafa Phaaphaasii Kutaa "Minnesota" fi Naannoo ishee yeroo sanaa) tiin eebbifamee gara bidiruu isaatti akka galu eeyyama Waaqayyoo tahe. Yeroo sanaa eegalee maatiin Sillaasee babal’achuu fi guddachuun koochoo Sillaasee jalatti walitti qabamuun itti fufe.
Eebbi Qulqulluu Sillaasee Isin Waliin Haa tahu!
Our church was officially established in 2022. Prior to its formal founding, a small group of devoted individuals began organizing under the name of the Holy Trinity as early as 2019. For an extended period, they gathered virtually via Zoom to pray and engage in the study of the Gospel in their native language, Afaan Oromo.
As the number of participants steadily increased, a collective agreement was reached to commence in-person gatherings every Sunday morning for worship services and gospel teachings.
In alignment with this development, a garage belonging to the Oromo Community in Portland was transformed into a place of worship. For over a year, regular worship services were conducted in this space, accompanied by rigorous study and teaching of the Word of God. At the time, there were no Orthodox churches in the state of Oregon or its surrounding areas offering spiritual services in Afaan Oromo. Consequently, many individuals who had distanced themselves from the church due to this linguistic barrier began to join the fellowship, resulting in significant membership growth.
Motivated by a profound longing to receive spiritual services in their native language, our members initiated efforts to bring in the Holy Ark (Tabot) of the Holy Trinity and to commence the Divine Liturgy (Qidase). This led to a unanimous decision to transition from a small prayer space to a formally leased church facility.
Through the encouragement and spiritual leadership of our founding priest, Messenger of Peace Father Yehualashet Besha, the Holy Ark (Tabot) of the Holy Trinity was blessed by Abba Ewostatewos, the Senior Bishop of the Minnesota Diocese and its surrounding regions at the time. By the grace of God, the ‘Tabot’ entered its rightful sanctuary. From that moment forward, the Holy Trinity Church began to flourish and expand, with the faithful gathering under its sacred covering.
May the blessings of the Holy Trinity be upon you all.